Finfinnee, Guraandhala 22, 2018 (FMC) – Injifannoon Adwaa kan wareegamni dhiigaa fi lafee itti kaaffalame injifannoo seenaa addaati jedhan Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen injifannoo Adwaa 130ffaa dargaggoota Finfinnee waliin Yaadannoo Injifannoo Adawaatti marii Paanaaliin kabajaniiru.Injifannoo ummata gurraachaa maraaf mallattoo ta’e dargaggoota waliin bifa ho’aa ta’een kabajuu ibsan.Injifannoo Adwaarraa tokkummaa, gootummaa fi Cichoomina baranna jedhan.Yeroo sanatti garaagarummaan siyaasaa jiraatus ummanni Itiyoophiyaa dhimma biyyaarratti tokkummaan weerartoota qaanessan jechuun eeran.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.