Milkaa’inni Itiyoophiyaan damee qonnaan galmeessite biyyoota Afrikaaf fakkeenya kan ta’uudha – Ogeeyyii Qonnaa biyyoota Afrikaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Guraandhala 19, 2018 (FMC) – Milkaa’inni Itiyoophiyaan damee qonnaan galmeessite biyyoota Afrikaaf fakkeenya kan ta’uudha jedhan ogeeyyiin qonnaa biyyoota Afrikaa garaagaraa.Wabii nyaataa mirkaneessurra dabartee gabaa addunyaaf oomishaa gahaa dhiyeessuuf dandeettii qabaachuu kan mul’isu ta’uu himan.Ogeeyyiin qonnaa fi qooda fudhattoonni biyyoota Afrikaa adda adda Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaa Aanaa Lumeetti Qamadii Jallisii Bonee Kilaasteraan misoomaa jiru daawwataniiru.Itiyoophiyaan jijjiiramni yeroo gabaabaa keessatti galmeessite biyyoota kaaniif muuxannoo olaanaa kan ta’uudha jedhan ogeeyyiin kunneen.Imaammata mijataa fi teeknooloojii barbaachisoo ta’an guutuun bu’aa argameef gumaacha olaanaa qabaachuu ibsan.Masaafinti Birileetu gabaase#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.