Finfinnee, Guraandhala 20, 2018 (FMC) – Hikmaa Kayiraddiin fi Nabiihaa Mahaammad jedhamu.Obboleewwan ilmaan haadha tokkoo ta’an kunneen ilaalcha siyaasaa garaagaraa hordofu.Aadde Hikman Paartii Badaadhinaa aadde Nabiihaan ammoo Paartii Bilisummaafi Walqixxummaa bakka bu’uun waltajjii Faanaa irratti filannoo Waliigalaa 7ffaaf dhimma fayyaa irratti walfalmaniiru.“Garaagarummaan ilaalcha siyaasaa waanuma ture gara fuulduraattis kan jiraatudha” kan jedhan obboleewwan lameen garaagarummaan ilaacha siyaasaa isaanii obbolummaa isaaniirratti dhiibbaa kan hin qabne ta’uu ibsan.Obboleewwan lameen filannoo Waliigalaa 7ffaaf yaadama paartilee isaanii beeksisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiru.Waltajjii falmii Faanaa har’a gaggeeffame irrattis aadde Hikmaan fi aadde Nabihaan imaammata fayyaa irratti walfalmaniiru.Obboleewwan lameen Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniif akka ibsanitti, “garaagarummaan abaarsa miti; garaagarummaa yaadaa karaa ammayyaa’een furuun qaroomuudha”.Afawarqi Iyyaayyuun.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.