Kabaja Ayyaana Injifannoo Adwaa sababeeffachuun daandiwwan tajaajila Tiraafikaaf cufaa ta’an ifooman

Wait 5 sec.

Finfinnee, Guraandhala 22, 2018 (FMC) – Humni Waloo Nageenyaa kabaja Ayyaana Injifannoo Adwaa waggaa 130ffaa sababeeffachuun daandiwwan tajaajila Tiraafikaaf cufaa ta’an ifoomse.Ayyaana Injifannoo Adwaa waggaa 130ffaa guyyaa boru yaadannoo Injifannoo Adwaatti kabajamuuf qophiin barbaachisu xumuramuu hime.Haaluma kanaan hanga ayyaanichi kabajamee xumuramutti daandiwwan tajaajila Tiraafikaaf cufaa ta’an ifoomseera. Baaroo Kormaan karaa Addabaabayii Teediroosiin gara Addabaabayii Minilikii kan fudhatu ibsaa Baankoo Diiroomaatti, Kiiloo 4 karaa Raas Makonniin gara Addabaabayii Miniliik kan fudhatu, ibsaa daandii Raas Makonniinitti, Hospitaala Yekkaatiit 12 karaa Afincoo Barriin gara Addabaabayii Minilikii kan fudhatu, Afincoo barriitti, Iriiba Kantuun karaa Gamoo Elektirikaan gara Addabaabayii Minilikii kan fudhatu, Koondomiiniyeemii Qayi Bahiiritti, Addisuu Gabaa karaa Hooteela Sameeniin gara Addabaabayii Minilikii kan fudhatu, Ibsaa Sameenitti, Markaatoo karaa Abunee Pheexiroosiin gara Addabaabayii Minilikii kan fudhatu , Riqicha Habtagiyoorgisitti, Karaa Qidduus Yohaannisiin gara Addabaabayii Minilikii kan fudhatu, Ibsaa Qidduus Yohaannisitti, boru ganama sa’aatii 12:00 eegalee hanga kabajichi xumuramutti cufaa ta’uu himeera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.