Tumsa hundagaleessa Itiyoo- Azarbaajaan guddachaa dhufe…

Wait 5 sec.

Finfinnee, Guraandhala 20, 2018 (FMC) – Hariiroon dippiloomaasii Itiyoophiyaafi Azarbaajaan bara faranjootaa 1992 eegale.Hariiroon kun yeroo ammaa boqonnaa haaraarra gaheera.Biyyoonni lameen hariiroo dameewwan garaagaraan qaban guddisuuf tumsaan hojjechaa kan turan yoo ta’u, keessumaa waggoota dhiyoo as hariiroon isaanii jabaachaa dhufeera.Itiyoophiyaafi Azarbaajaan tumsa dameewwan daldalaa, Invastimantii, qonnaa, teeknooloojii, haqaa, nageenyaafi tasgabbii fi kanneen biroon qaban cimsuuf waliigalteewwan waliif mallatteessaniiru.Waliigalteewwan kanneen hojiirra oolchuufi saffisiisuuf hoggantoonni olaanoon biyyoota lameenii yeroo garaagaraatti waliin mari’achaa turuun kan yaadatamudha.Waltajjiin marii siyaasaa idileen biyyoota lameen giduutti taasifamus hariiroon hundagaleessa biyyoota lamaanii akka cimu taasiseera.Biyyoonni lameen misooma beelladaafi midhaanii, qonna kuduraafi muduraa, itti fayyadama lafaafi bishaanii, qonna diijitaalaa, hojiirra oolmaa teeknooloojii, bittaafi gurgurtaa oomishaalee qonnaa, jallisiifi dameewwan misoomaa biroo irratti waliin hojjechaa jiru.Itiyoophiyaan Saliixii, Buna akaa’ame, Talbaa, Foon Re’eefi Hoolaa dabalatee oomishaalee biroo gara Azarbaajaanitti ergiti.Gama biraan meeshaalee sibiilaafi qorqorroo gariin xumuraman, qaamolee ‘Seentiriifuujii’ fi meeshaalee serkiyuutii elektirikii ittisan immoo Azarbaajaan irraa galchiti.Biyyoonni lameen hubannoo nam-tolcheefi dameewwan teeknooloojii biroorrattis tumsaan hojjechaa jiru.Azarbaajaan tajaajiloota elektirooniksii diijitaalessuu irratti Itiyoophiyaaf muuxannoo ishee qooduun deeggarsa taasisaas jirti.Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan bara 2016 wayita Azarbaajaanitti daawwannaa hojii taasisan biyyoonni lameen damee Paabilik Sarvisiin hojimaata si’ataafi itti gaafatamummaa mirkaneessu dhugoomsuuf tumsaan hojjechuuf waliigalteerra gahuun kan yaadatamudha.Dabalataanis dameewwan odeeffannoo, nageenyaafi tasgabbiin ijaarsa dandeettii irratti tumsaan hojjechuuf akkasumas pirojektoota fayyadamummaa biyyoota lameenii mirkaneessan irratti tumsaan hojjechuuf waliigaluun hojjetamaa jira.Yeroo ammaa kana tumsi hundagaleessi biyyoonni lameen dameewwan garaagaraan qaban cimaa dhufuun boqonnaa haaraa irra gaheera.Daawwannaa Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad fi jilli isaanii Azarbaajaanitti taasisaa jiranis hariiroo gama maraa biyyoota lameenii guddachaa dhufe gara sadarkaa olaanaatti kan ceesisudha.Daawwannaan kun hariiroo dippiloomaasii biyyoota lameenii jabaachaa dhufe daran kan cimsu ta’uus itti amanameera.Malaakuu Gaddifiin.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.