Finfinnee, Guraandhala 20, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad simannaa kabajaafi ho’aa Pirezidaantiin Azarbaajaan Ilihaam Aliiyeev taasisaniif galateeffataniiru.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, daawwannaa hojii jalqabaa Azarbaajaanitti taasiseen simannaa kabajaafi ho’aa Pirezidaanti Ilihaam Aliiyeev naaf taasisaniif nan galateeffadha jedhan.Waggootan muraasa darban tumsa dameewwan Aviyeeshinii, Paarkiiwwan Indaastirii fi Naannawaa Daldala Bilisaa akkasumas Invastimanti Hooldingisi Itiyoophiyaa fi Gita isaa Azarbaajaan gidduutti taasifame bu’uureffatee michummaan keenya yeroo yerootti guddachaa dhufeera jechuun ibsaniiru.Dameewwan tumsaa kunneen hariiroon gam-lamee biyyoota lameenii cimuuf bu’uura kan kaa’an ta’uu eeranii, marii guyyaa har’aa taasisaniin hariiroofi tumsa biyyoota lameenii cimsuufi gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf waliigaluu kaasaniiru.Sagantaa waliigaltee mallatteessuu damee Raayyaa Ittisaafi dameewwan biroorratti taasifame irrattis argamuu ibsaniiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.