Finfinnee, Guraandhala 18, 2018( FMC)- Magaalonni keenya qonnaan bulaa liqimsuu dhaabanii, qonnaan bulaa hammachuun, dinagdee waliinii ni ijaaru jedhan Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.Obbo Shimallis Abdiisaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Sirni ijaarsa magaalaa barootaaf naannoo keenyatti hordofamaa ture dhiibbaa caasawaa umera; Dhiibbaan kun “loogii magaalaatiin kan bakka bu’u yoota’u, baadiyyaa liqimsaa, qonnaan bulaa lafa isaa irraa buqqisaa ykn qe’uma isaa irratti hiyyoomsaa ture jedhan.Guutuun ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera.Imaammata Tarsiima’oo Qonna Magaalaafi Gar-tokkeen Magaalaa Oromiyaa:Sirni ijaarsa magaalaa barootaaf naannoo keenyatti hordofamaa ture dhiibbaa caasawaa (structural bias) umera. Dhiibbaan kun “loogii magaalaa”tiin kan bakka bu’u yoota’u, baadiyyaa liqimsaa, qonnaan bulaa lafa isaa irraa buqqisaa ykn qe’uma isaa irratti hiyyoomsaa ture. Adeemsi kun dhiibbaa humna caasawaa dinagdeetiin (structural economic forces) qofa osoo hintaane, imaammata loogaa sirnoota darbaniin ummata keenyarratti fe’amaa tureen kan umamedha. Kanaanis, utubaan dinagdee keenyaa —qonni — magaalatti iddoo akka dhabu — qonnaan bulaan — lammii sadarkaa lammaffaa akka ta’u dirqamee ture.Warraaqsi indastiroomsaa, qonna sadarkaa olaanatti mekaanaayizoomsuu bira taree gara qonna ammayyaafi ‘safarrii-muraa’tti (precision agriculture) ceesiseera. Magaalonni qarooman, qonnaan bulaa dhiibuu irraa, qonnaan bulaa hammachuu; lafa qonnaa dhabamsiisuu irraa, lafa xiqqoo irraa omisha olaanaa argachuu danda’uutti ce’aniiru. Magaalonni keenya garuu har’as qonnaan bulaa ofirraa dhiibufi buqqisuu hindhaabne. Qonna ammayyaa gaggeessuun baadiyyaaf fakkeenya ta’uu mitii, ofii isaaniitifuu wabii nyaataa mirkaneeffachuu hindandeenye.Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa, ijaarama caasawaa dinagdee magaalaa qonnaan bulaa keenya buqqa’aa, baqataa, ifaajee harka qullaa, hiyyeessafi tuffatamaa taasise kana bu’uurarraa jijjiiruuf ‘harka-naqannaa tarsiima’aa’ (strategic intervention) gaggeessaa jira. Imaammanni Misooma Qonna Magaalaafi Gar-tokkeen Magaalaa Oromia (Oromia Urban and Peri-Urban Agriculture Development Policy), meeshaa waraaqsa hawaas-dinagdee kanaati.Imaammanni kun dhimma miidhagina boroo (gardening) miti; imaammata siyaas-dinagdee qonnaan bulaa magaalaa keessafi daangaa isaa irra jiraatu, jireenya ‘harkaa-gara-afaanii’ irraa gara abbaa qabeenyaa ta’uutti ceesisuuti. Galmi isaa inni dhumaa, qoteefi horsiisee bulaa keenya dinagdee magaalaa irratti aangomsuun, jiruuf jireenya gita giddugaleessa magaalatiin walsimu qofa osoo hintaane, isa caalu akka horatu dandeessisuudha. Galma kana dhugoomsuuf, tarsiimolee ijoo armaan gadii hordofna:1. Ce’uumsa Teknoolojii:Qonni magaalaa keenyaa lafa baldhaa qabatee, malaafi humna omishaa boodatti hafaan, sanyii hinfooyyofneen, akkasumas oomishtummaa gadaanaan kan masakamu ta’uu hinqabu. Magaalaa keessatti lafti xiqqoodha; gatiin isaas qaaliidha. Kanaaf, imaammanni kun qonna ‘aadaa’ irraa gara qonna ‘ammayyaa’tti ceesisuu akeeka.Kunis, teknoolojiiwwan qonnaa ammayyaa fayyadamuun, lafa xiqqoo irraa omisha dachaa argamsiisuu irratti xiyyeeffata.Teknoolojii qonnaa babaldhisuu irratti gufuu hamaan hirkattummaa madda alaa waan ta’eef, kolleejjiwwan ‘BLTO’ (TVET)’fi giddugalawwan qorannoo qonnaa keenya, teknoolojiiwwan kanniin ofiin warsheessuu (indigenizing technology)’fi madaqsuu irratti akka xiyyeeffatan kallattiin kaa’ameera.2. Ijaarsa Dandeettifi Oomishtummaa:Ce’uumsi dhugaa kan dhugoomu jijjiirama maashinii qofaan osoo hintaane, jijjiirama sammuu namaatiini.Qonnaan bulaan keenya qonna akka mala jireenya aadaatti osoo hintaane, akka ‘business’ bu’aa qabuutti ilaaluu qaba. Tarsiimoon ijaarsa dandeettii keenya, qonnaan bultoota, dhaweessotaafi ‘IMX’ qonna irratti bobba’an, ilaalcha ‘jireenya ittifufsiisuf qofa’ (subsistence) jedhu keessaa baasuun, gara ilaalcha invastimantiifi dorgommiitti ceesisuu kaayyeffata.Oomishtummaa dabaluun filannoo miti; dirqama jiraachuuti. Inisheetivoonni qonna magaalaa, humna namaa barateefi leenji’e qonnaan walqunnamsiisuun, muuxannoo abbootii qabiyyeefi beekumsa saayinsii walitti fiduun, oomishtummaa dachaan dabaluu qabu.3. Gabeessa Omisha Qonnaa:Muldhanni qonna magaalaa Oromiyaa, maatii qonnaan bulaa sooruurra darbee, gabaa magaalaa, naannoo, giddugaleessafi idil-addunyaa keessatti dorgomaa ta’uudha. Kanaaf, sirni qonnaa keenya gabeessummaa (commercialization) irratti akka xiyyeeffatu taasisuu qabna.Omishtoonni keenya cancala sonaa (value chain) keessa galuun, omisha dheedhii gurguruu irraa, gara omisha kurfeeffame (processed) gurguruutti ce’uu qabu. Imaammanni kun, hidhata gabaa (market linkage) amansiisaa umuuf, hoteelota, suuppar-maarkeetotaafi warshaalee kurfeessa omishaalee qonnaa (agro-processing) waliin walitti hidhamiinsa kallattii akka qabaatan akeeka. Qonnaan bulaan keenya saamtota giddudeemtuu jalaa bahee, fayyadamaa dhugaa dadhabbii isaa ta’uu qaba.4. Fuulleffannaa Omishaa (Specialization)’fi Ulaagaa Qulqullinaa:Magaalaa keessatti waan argame hundaa omishuun hindanda’amu. Tarsiimoon keenya ‘fuulleffannaa omishaa’ (specialization) hordofa. Kunis, omishaalee gatii olaanaa (high-value crops) kanneen akka kuduraafi muduraa filatamoo, mi’eessituu, horsiisa lukkuufi beeyladaa ammayyaa, akkasumas omishaalee gabaa alaa (export) irratti xiyyeeffatan irratti fuulleffachuu qaba.Gabaan ammayyaafi idil-addunyaa qulqullina irratti araara hinqabu. Qonnaan bulaan keenya dorgomaa ta’uuf, ulaagaalee qulqullinaa (quality standards) guutuu qaba. Kanaaf, Ogeessota Misooma Magaalaa (Urban Development Agents) toorawwan addaa irratti leenjisuun, qulqullina omishaa lafarraa eegalee hanga gabaatti jiru to’achuufi deeggaruun murteessaadha.5. Tarsiimolee Dhiyeessii Faayinaansifi Sirna Dhiyeessii Galtee:Hudhaan qonnaa inni guddaan hanqina dhiyeessii kaappitaalaati. Sirni faayinaansii baramaan (conventional banking) qonnaan bulaa akka sodaa (risk)’tti waan ilaaluuf, tajaajila liqiitiin dhaqqabamaa miti. Hojiilee baldhaa MNO raawwateen, jijjiiramni haadhufu malee karaa dheeraan kan hafu ture. Imaammanni kun dambii bulchiinsa invastimantii naannichaatiin dabaalamee, rakkoo kana sadarkaa olaanatti furuuf, lafa qonnaan bulaa akka wabii kaappitaalaatti (land as collateral) fayyadamuu dandeessisa.Dabalataanis, dhiyeessiin faayinaansii addaa “qonna magaalaafi qarqara magaalaa” (Specialized Urban Agri-Finance) diriirfamaa jira. Gama galteetiin, keessumaa nyaata beeyladaa (animal feed) irratti rakkoo jiru furuuf, magaalonni keenya waldaalee nyaata beeyladaa qindeessan jajjabeessuufi warshaalee waliin hidhata kallattii umuuf kan hojjetan ta’a.6. Dhiibbaa Baldhaafi Ce’uumsa Caasawaa:Kaayyon imaammata kanaa jijjiirama dabalataa (incremental change) fiduu osoo hintaane, ce’uumsa caasawaa (structural transformation) milkeessuudha. Inisheetivoonni qonnaa keenya, bargaafata (dichotomy) magaalaafi baadiyyaa gidduu jiru dhiphisuu qabu.Kunis, wabii nyaataa mirkaneessuurra darbee, haqa hawaasummaa (social justice) dhugoomsuudha. Qonnaan bulaan magaalaa keessatti lammii lammaffaa osoo hintaane, utubaa dinagdee ta’uu isaa qabatamaan mirkaneessuudha. Jijjiirama sirnaawaa kana dhugoomsuun, qonnaan bulaa hawaas-dinagdeen aangomsuu, fulla’iinsa naannawaa (environmental sustainability) mirkaneessufi ce’uumsa jiruuf jireenya hawaasaa baadiyyaa fiduun walqabata.7. Qindoomina Raawwiin Barbaadu:Imaammanni kun warraaqsa; warraaqsi ammoo hoggansa cimaafi qindoomina gaafata. Hojiirra oolmaan isaa, sektera qonnaa qofa osoo hintaane, qaamolee lafa bulchan, dhaabbilee faayinaansii, ogeeyyii teeknoolojii, qooda qabaattota (stakeholders) mara gidduutti qindoomina tarsiima’aa barbaada.Hoggansi Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa, inisheetivoota kanniin milkeessuuf kutannoo siyaasaa olaanaa qaba. Qonnaan bulaa keenya siidaa hiyyummaa ta’uu irraa gara humbii badhaadhinaa (beacon of prosperity) ta’uutti ceesisuuf qophiidha.Asirratti, halli pilaaniin mummee magaalota tarsiima’oo naannoo keenyaa, keessumaa kan Shaggar, Bishooftuu, Gadaafi Adaamaa dhimma kana ittihammate, akkasumas jalqabbiin raawwii hanga ammaa jiru kan abdii namatti horuudha.Magaalonni keenya qonnaan bulaa liqimsuu dhaabanii, qonnaan bulaa hammachuun, dinagdee waliinii ni’ijaaru.