Finfinnee, Guraandhala 19, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaan galiibaala shaayii irraa argattuu guddisuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jira- Dooktar Adduunyaa Dabalaa.Itiyoophiyaan baala shaayii irraa galii argattuu guddisuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jira jedhandaayireektarri olaaanaan Abbaa Taayitaa Bunaafi Shaayii Fedaraalaa Dooktar Adduunyaa dabalaa. Hoggantootni fi ogeessonni Ministeera Qonnaafi Biiroo Qonnaa Oromiyaa waliin ta’uun misooma baala shaayii godina Jimmaa, aanaalee Shabee Somboo fi Saqqaa Coqorsaa daawwataniiru.Biyyattiin miisooma baala shaayiif haala mijaataa qabaattuus dameechaaf xiyyeeffannoon utuu hin kennamin turuu Dooktar Adduunyyaan himaniiru.Bara 2015 irraa eegalee misooma baala shaayii babal’isuuf hojiin bu’a qabeessi hojjatamuu eeruudhaan, waggaa sadii booda damicha irraa galiin doolaara miiliyoona 700 akka argamu ibsaniiru..Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu gama isaaniin, waggota shan keessatti lafa heektaara kuma 30 biqilaa baala shaayiin uwwisuuf karoorfamee hojjatamaa jiraachuu duubataniiru.Haaluma kanaan godinaalee Jimmaa, Buunoo Baddalleefi Iluu Abbaa Booraa keessatti bara kana lafa heektaara kuma 3 baala shaayiin uwwisuuf karoorfamee biqililaan miiliyoonni 400 qophaahuu ibsaniiru.#Oromia #Ethiopia