Falmii Arsenaali fi Cheelsii …

Wait 5 sec.

Finfinnee, Guraandhala 22, 2018 (FMC)- Pirimeer liigii Ingiliiz torbee 28ffaan taphni har’a Arsenaalii fi Cheelsii gidduutti taasifamu akkaan eegama.Dursaan liigichaa Arsenaal dursummaa isaa cimsachuuf taphni har’a Cheelsii waliin taasisu xiyyeeffannoo argateera.Arsenaali fi Cheelsiin taphoota waliin taphatan shan keessaa yeroo sadii Arsenaal yoo injifatu lama immoo qixa bahaniiru.Arsenaal Cheelsii waliin galgala sa’aatii 1:30 Istaadiyeemii Emireetitti ni taphata.Taphicha dursuun Maanchister Yuunaayitiid Oltiraafoorditti Kiristaal Paalaas sa’aatii 11:00 irratti ni keessummeessa.Sa’aatii walfakkaatuutti Biraayitaan, Nootingihaam Fooreest waliin, akkasumas Fuulhaam, Tootinhaam Hootispaar ni taphatu.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.