Finfinnee, Guraandhala 20, 2018, (FMC)- Itiyoophiyaa fi Azarbaajaan dameewwan garaagaraan waloon hojjechuuf Sanadoota waliigaltee mallatteessaniiru.Mariin Azarbaajaan Baakuu Masara Mootummaatti gaggeeffame itti fufuun hoggantoonni lameen Raayyaa Ittisaa fi dameewwan biroon tumsan hojjechuuf sanadoota garaagaraa mallatteeffameerratti argamaniiru.Haaluma kanaan Yaa’ii Qabeenya Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii (Cop32 )qopheessuu, Qonna, misooma miidiyaafi muuxannoo waljijjiiruu, Invastimantii babal’isuu fi Farraa Malaammaltummarratti tumsaan hojjechuurratti kan xiyyeffate ta’uun ibsameera.Gama biraatiin Tajaajila mootummaa Azarbaajaa adda durummaan dursaa kan jiru dhaabbata ‘Asan ‘fi Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob waloon hojjechuuf waliigalteerra gahameera.Waliigalteewwanii fi Sanadoonni mallatteeffaman kunneen tumsa biyyoota lameen gidduu jiru caalmaatti kan cimsuu fi ni babal’isu ta’uun ibsameera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.