Injifannoon Adwaa waggaa 130ffaan har’a kabajama

Wait 5 sec.

Finfinnee, Guraandhala 23, 2018 (FMC) –Injifannoon Adwaa waggaa 130ffaan har’a sagantaalee adda addaan Yaadannoo Injifannoo Adwaa Birbirsa Goorootti argamutti ni kabajama.Guyyaa kaleessaa bakka Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen argamanitti Yaadannoo Injifannoo Adwaatti marii Paanaaliin kabajamuun kan yaadatamuudha.Har’a ayyaanichi kutaalee biyyattii hundatti yaadatamaa oola.Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Injifannoo Adwaa waggaa 130ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.Injifannoon Adwaa murannoo fi ga’umsa Itiyoophiyaanotaa kan mul’isu ta’uu eeruun, Itiyoophiyaanoonni faayidaa biyyaalessaa, bilisummaa fi birmadummaa biyyaarratti ejjennoo hin jijjiiramne qabu jedhan.Sirnii fi hoggantoonni jijjiramuu danda’u, dhimmoota tokko tokkorratti garaagarteen jiraachuu mala, ejjennoo fi murannoon biyya isaaniif qaban garuu hin jijjiiramu jechuun ibsan.Gootummaa jechuun faayidaa biyyaalessaaf jecha fedhii dhuunfaa injifachuu jechuudha.Kabaja biyyaalessaaf jecha kabaja dhuunfaa wareegudha.AdwaanCichoominni, gootummaa, tokkummaa fi daandeentiin lammiilee Itiyoophiyaa kan itti ifoomeedha.Injifannoo Adwaa damee hundaan dabaluuf dandeettiin Itiyoophiyaa bu’uura cimaa qabaachuu qaba jedhan.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.